BBC News, Afaan Oromoo - Oduu
Isin hin darbiin
KALLATTIIN, Haleellaan Iraan irratti baname babal'atee Israa'el fi Hezboollaah Libaanos keessatti walitti dhukaasaa jiru
Haleellaan Iraan irratti baname babal'atee Israa'el fi Hezboollaah Libaanos keessatti walitti dhukaasaa jiru. Israa'el jiraattota gandoota Libaanos 50 al ta'an akka gadhiisanii bahan akeekkachiifteetti.
Ergamni US-Israa'el Ali Kaamenii ajjeesuu ji'ootaaf karoorfamaa ture akkamiin milkaa'e?
Haleellaan Hogganaa Olaanaa Iraan Ayaatolaah Ali Kaameenii ajjeese akka eegametti halkan qixxee osoo hin taane ganama keessa raawwate. Kunis, sababa qaba.
Waggoota 37'f Iraan kan bulche, Ayaatolaah Ali Kameenii, eenyu ture?
Ayatolaah Alii Kameenii gaggeessaa hafuuraa [amantaa] Iraan yoo ta'an, biyyattii keessatti aangoo hundaa ol ta'e qabu.
Israa'el Baha Giddu-galeessaa akkamii uumuu barbaaddi?
Madaallii aangoo jijjiiruuniifi maappii siyaasa biroo naanicha keessatti bocuun galma Israa'el haaraa miti. Haata'u malee, Israa'el keessatti erga Hamaas Onkoloolessa 7 bara 2023 haleellaa raawwatee as waan amma saffisaan ta'aa jiruufi walitti bu'insawwan deemaa jiraniin walqabatee namoonni "kan kanaan duraa caalaa amma dhiyaateera" jedhanii amanu.
Haaloo bahiinsi Iraan ittisa humna qilleensaa US gaaffii keessa galchaa jira
Iraan humna galaanarraa US kan Baahireen keessaa irratti xiyyeeffachuun haleeluun humni ittisa haleellaa qilleensaa US hanqina qabaachuu waan akeekuufi Waashingtanii fi michoota ishee naannichaa waan yaaddessuuf jirudha.
Israa'el fi Iraan erga Ayatolaa Kameenii ajjeefamee akka haaraatti wal haleelaa jiru
Gaggeessaan Waliigalaa Iraan Ayaatolaa Alii Kameenii Sambata haleellaa US-Israa'el gaggeessaniin waajira isaa keessatti ajjeefamuu miidiyaan Iraan mirkaneesseera. Biyyattiin hogganaa biyyattii waggoota 37 bulche kanaaf guyyaa gaddaa 40 labsisteetti.
Iraan fi Israa'el maaliif akkanaan diina waliif ta'an?
Hanga Warraaqsi Isilaamaa kan sirna Israa’el mormuu ilaalcha taasifate bara 1979tti aangoo qabatuutti, Israa'eliifi Iraan waliin michuu turan. Ofii biyyoonni lamaan kunneen maaliif diina wal godhatanii?
Seenaa Iraan biyya Shi'aa: Bara Peershiyaa jedhamtu irraa hanga har'aatti
Bara 2021 pirezidantii kan ta'an Ibraahim Ra'iisii Dilbata darbe (Caamsaa 19, 2024) balaa helikooptaraan du'an
US-Iraan: Masaanonni US Teehraan waliin ni dhaabbatuu?
Waraanni Ameerika fi Iraan gidduutti ka'eera. As keessatt gaheen hidhattoota michuuwwan jajjaboo Iraan ta'an sadan - Hizbolaa Libaanon keessaa, Milishoota Shiyaa kan Iraaq keessaa fi Huutiiiwwan Yaman xiinxalla
Niwu Yoorkitti baqataa qaro-dhabeessi aangawoota immigireeshiniin gatamee du'ee argame
Baqataa qaro-dhabeessi, dhalootaan Maayinmaar irraa ta'e, Niwyoorki keessatti erga mana hidhaa baqattootaa kan federaalaa keessaa gadhiifamee booda du'ee argame.
Israa'el erga hundooftee waggaa 100 hin guutne attamiin humna cimaa ijaarratte?
Israa’el biyya taatee erga hundoofte reefu waggaa 76 guutti- unurii manguddoo tokkoo jechuudha. Waraana Addunyaa Lammaffaarratti Yihudoonni Awurooppaa keessa jiran miliyeena 6 ta’an Hitilariin duguuggan sanyii irratti raawwachuu hordofee hedduunsaanii gara Baha Giddu Galeessaa biyya amma Israa’el jedhamtuutti baqachuu eegalan.
YouTube BBC Afaan Oromootti makamaa
YouTube BBC Afaan Oromoo
Viidiyoo, Halleellaa US fi Israa'eliin qondaalonni waraanaa Iraan ajjeefaman
Qondaalonni waraanaafi siyaasaa olaaoon Iraan haleellaa US fi Israa'el qindoominaan gaggeessaa jiraniin ajjeefamuu miidiyaan Israa'el madda oduu Rooyitars waabeffachuun gabaase.
Viidiyoo, 'Qabsoo Oromooti malee ani hoolaa hatee biyyaa hin baane' - Daawwitee
Artist Daawwitee Mekonnin miidiyaarraa badeera. Eega biyyaa bahees biyyatti hin deebine. Maalitti jira?
Viidiyoo, 'Utuun waggaa 7 ‘Medisinii’ barachuuf eeguu hidhaa waggaa 7 natti muran'
Dr. Jiinenus baadiyyaa Oromiyaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa keessaa ba'ee amma saayintistii addunyaan akkaan barbaaddu ta'eera.
Viidiyoo, MM Abiy humna ‘fiixee Mitsiwwaa hanga Somaalee tiksu ijaaruun’ maal akeeka?
Agarsiisa waraana Itoophiyaa Ertiraan hin jaalanne. Ministirri Muummee Abiy maal jechaa jiru?
Viidiyoo, Atileet Fayyisaa balaa, lola mootummaafi WBO fi barreeffama isaarratti
Harka qaxxaamursuun mormii ummataa addunyaa kan waliin gahe Atileet Fayyisaa Leellisaa komii dhiheesse.
Viidiyoo, Viidiyoo saalqunnamtii waraabuufi qooduu seerri Itoophiyaa maal jedha?
Tibba kana viidiyoon yakkaa saal-qunnamtii biyyoota hedduu keessatti dubbii ijoo ta'eera.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp gubbaan hordofaa
Maaltu haasa'ama?
Haleellaa US fi Israa'el Iraan irratti banan ilaalchisee hanga ammaa kan beeknu
Pireezdaantiin US Donaald Traamp haleellaa kana "haleellaa guddicha" jechuun humnoonni mootummaa Iraan hidhannoosaanii akka lafa kaawan waamicha godhan.
Sagalee, Oduu BBC Afaan Oromoo
20:49 EAT - 21:04 EAT
MM Abiy daawwataa kan jiran, Azarbaajaan, biyya akkamiiti?
Azarbaajaan biyya boba'aan badhaate yoo taatu booda kana biyyoota Afrikaa waliin hariiroo cimsataa jirti.
Agarsiisa waraana Itoophiyaa tibbanaa Ertiraan 'dubbii barbaacha' jette
Agarsiisa waraannni Itoophiyaa dhihoo magaalaa Hawaasaatti mul'ise Ertiraan ''dubbii barbaacha'' jechuun qeeqxe.
Humna waraanaa fiixee Somaalee hanga Mitsiwwaa tiksu ijaarreerra - MM Abiy
Itoophiyaan humna waraanaa leenjii addaa fudhate biyyarra kan darbe Baha Afrikaa tiksuu danda'u akka ijaarte Ministirri Muummee Abiy Ahimad dubbatan.
UAE, Turkii fi Sa'uudiin Itoophiyaarraa maal barbaadu?
Maqaan Itoophiyaa UAE fi Sa'uudii Arabiyaa waliin ka'uu erga eegalee bubbuleera. Fuulduratti kan mul'atu daldalaa fi investimentiidha, ammoo ajandaan siyaasa duuba jiraa? Dhimmoonni ajandaan siyaasaa jiraachuu akeekan maal fa'i?
Oduufi xiinxalli kallattiin akka isin bira gahuuf Chaanaalii WhatsApp BBC hordofaa
Amma karaa kanaan Oduuwwan Ammee ijoo, xiinxalaa fi odeessaalee adda addaa karaa BBC News Afaan Oromootiin kallattiidhaan WhatsApp keessan irratti argachuu dandeessu.
Fayyisaa Leellisaa balaa konkolaataa mudateefi odeeffannoo bahanirratti deebii kenne
Atileet Fayyisaa Leellisaa balaa konkolaataa Sambata darbe konkolaataa biraan walitti bu'uun isaan mudateen miidhamni akka isarra hin geenye ibse.
MM Abiy ummata yaaddoo keessaa baasuuf jaarsoliitti amaanaa kennatan
Ministirri Muummee Abiy Ahimad, nageenya saffisiisaafi amansiisaa ummata keenya cinqiifi yaaddoo keessaa baasu; bahee galee qalbii guutuun hojjechuu akka danda'u godhu fiduuf abbootiifi jaarsoliin gahee isaanii akka bahatan amaanaa isinitti kenneera jedhan.
Waamicha nagaa MM Abiy Wallaggatti dhiyeessaniif WBO deebii 'garaarraa miti' jedhu kenne
Ministirri Muummee Abiy Ahimad tibba kana Godinaalee Wallaggaa adda addaa keessatti hojiilee misoomaa hojjetaman yoo eebbisan irra deebiin hidhattootaaf waamicha araaraa dhiyeessaniiru. WBO waamichi kun ''garaarraa miti'' jechuun deebii kenneera.
Dhimmoonni ijoon MM Abiy fi Pirezidant Erdowaan kaasan maal fa'i?
Pirezidantiin Turkii Rajiib Xayyib Erdowaan Kibxata, Guraandhala 17, 2026 Itoophiyaa daawwachuu booda ibsa kennaniin biyyi isaanii ''walitti bu'iinsaa fi dhibee Gaanfa Afrikaatti mudatu,'' callistee akka hin ilaalle himan.
Dureewwaniifi dippilomaatonni biyyoota garagaraa booda kana maaliif gara Itoophiyaa marmaaruu baay'isan?
Torbanoota muraasa darban dureewwan biyyoota Awurooppaa, Eeshiyaa, Ameerikaafi biyyoota Arabaa gara Itoophiyaa imaluun daawwataniiru, daawwataas jiru.
Ispoortii
Morkii Arsenaal-Cheelsiifi taphoota Piriimerliigii eegaman
Dorgommiin Piriimerliigii torban 28ffaa har'aa hanga Jimaatatti gaggeeffame. Falmiin darbii Landan Dilbata Arsenaalifi Cheelsii gidduutti taasifamu imala taphoota imala waancaa murteessan keessaa ijoodha.
Shaampiyoons Liigii kilaboonni Ingiliiz dhuunfataniifi Riyaal Maadiriid mo'achuu isaa 'olaantummaa jibba sanyiiraatti' argate fakkeesse
Taphni dhumaa kaleessa kan gaggeeffame yoo ta'u, kilaboonni saddeet taphatanii afur darbuu yoo mirkaneeffatan, arfansaanii mo'amanii galaniiru.
Morkii Barnaboo gaaddidduu himannaa jibba sanyummaa jalatti Moriinoo malee gaggeeffamu
Taphataan Arjentiinaa fi Benfikaa Giyaanluukaa Piristiyaanii erga jifataa Riyaal Maadiriid jibba sanyummaan himatee booda tapha marroo lammataa irratti akka hin hirmaanne murtaa'eera.
Viktor Giyookeresh osoo qeeqamuu Arsenaaliin dhiphina keessaa baase
Arsenaal Kaaba Landanitti muddama ofirraa hir'iseera. Darbii Kaaba Landaniin Tootanhaamiin goolii 4 fi 1n injifatee morkii waancaa Piriimer Liigii cimsateera.
Piriimer Liigii: Arsenaal garee dirree Tootenhaam deemee 4 fi 1'n mo'ate
Morkiin Piriimer Liigii taphoonni 10 hanga 11 yeroo hafaa jirutti waancaan argachuu, 1-4 keessa galuun carraa hirmaannaa Shaampiyoons Liigii mirkaneeffachuufi Piriimer Liigii keessaa kufuurraa ooluuf taasifamu akkaan qalbii rarraasuun itti fufeera.
Siitiin Arsenaal irratti dhiibbaa yoo cimsu Arteettaan 'kan dhiibbaa hin dandamanne gara kilaba biraa' jedhe
Maanchistar Siitiin Itihaad irratti Niwukasiliin 2 fi 1n injifachuun morkii waancaa cimsateera. Kun dursaa liigichaa kan ta'e Arsenaal irratti dhiibbaa cimseera.
Arteettaan 'bakka ta'uu feene jirra' yoo jedhu Peep ammoo taphni 12 baayyeedha jedhe
Taphoota torbee 27ffaa dursee Mikeel Arteettaa fi Peep Gaardiyoolaa waayee waancaa Piriimiyeer Ligii injifachuu yaada kennaniiru.
Tilmaama Piriimer Liigii: Tootenhaam v Arsenaal, Maan Siitii v Niwukasil eenyu mo'a?
Tapha Piriimer Liigii Ingiliiz torban 27ffaan Darbii Landan kaabaan Tootenhaam Liigicha dursaa kan jiru Arsenaal simatee keessummeessa. Sadarkaa lamaffaarra kan jiru Maanchester Siitiin ammoo Niiwukasil simatee keessummeessa.
Arsenaal yeroosaa eegee 'sigigaachuu' jalqabe - haala kanaan dharraa waancaa waggaa 22 ba'uu danda'aa?
Arsenaal kilaba Piriimer Liigii keessaa dhumarra jiru Wolvis goolii 2 fi 0 dhaan osoo dursuu taphichi goolii 2 fi 2n xumurameera. Ga'umsi akkanaa dhuguma xiinsammuu kilaba waancaaf onnatee ta'uun gaaffii namatti ta'a.
Zubimeendiin dhuguma taphataa cimaa Arsenaalii?
Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa dhiyeenya kana "taphataa cimaan" Arsenaal dhiyeenya kan bitame jechuun dubbatee ture. Ganna darbe kan bitame Maartiin Zubimeendii jechuusaati.
Namichi jaalalleesaa tulluu irratti dhiisee 'du'aaf saaxile' himatame
Waggaa tokko ture dubartiin ganna 33 tulluu Ostiriyaa isa guddaa irratti cabbooftee kan duute, jaalalleenshee tulluu irratti ishee dhiisuufi du'asheef sababa tahuun himatameera.
Diraamaa Benfikaa fi Maadiriid: Taatee 'jibbisiisaa' Viniishiyes mudate booda 'dogoggora guddaa' Moriinoo
Tirent Aleksaandar-Arnold jibbiinsi sanyummaa Viniishiyes Juuniyer irratti raawwatame jedhame ''kabaja kubbaa miillaa kan gadi buusu,'' jedhe, leenjisaan Benfikaa Joosee Moriinoo ammoo taatee kanarratti yaada kenneen guddoo qeeqame.
Daataa qusachuu barbaadduu?
Daataa qusachuuf yeroo tokko tokko fuula barreeffama qofaa keenyaa ilaalaa.





























































































